Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ifa galchan: Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e miidhaa ofirratti haraama godhee, uumamaa Isaa gidduuttis miidhaa haraama godhe, kanaafuu namni kamuu nama kamuu miidhuu hin danda'u. Akkasumas uumamni hunduu qajeelcha Rabbiitii fi tawfiiqa Isaa malee karaa haqaa irraa jallataadha, nama Rabbiin qajeelcha kadhate Rabbiin isa waffaqee isa qajeelcha, Akkasumas uumamni hunduu dhimmoota isaanii hunda keessatti gama Rabbiitti rakkatoo fi Isatti haajamoodha, namni Rabbiin gaafate dhimma isaa isaaf baasa isaafis gahaadha, Akkasumas isaan halkanii fi guyyaa badii hojjatani, Rabbiin ol ta'e yeroo gabrichi dhiifama isa gaafatu isa sattaree irra isaaf darba, Akkassumas isaan waan tokkoon Rabbiin miidhuu yookaan fayyaduus hin danda'anu Akkasumas osoo haala qalbii nama irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'aniis sodaan isaanii sun aangoo Rabbii irratti homaa hin dabaltu, Akkasumas osoo haala qalbii irra cubbamaa namaa irrattii ta'aniis cuubbuun isaanii sun aangoo Isaa irraa homaa hin hir'isu; isaan dadhaboo rakkatoo haala hunda, yeroo hundaa fi iddoo hunda keessatti gara Rabbiitti haajamoo waan ta'aniifi, Inni qulqullaa'e isatu dureessa of gahaadha, Akkasumas osoo namni isaanitii fi jinniin isaanii jalqabnii fi xumurri isaanii bakka tokko dhaabbatanii Rabbiin gaafatanii jennaan hunda isaaniitiifuu waan isaan gaafatan kenneefii, sun waan Rabbiin bira jiru irraa homaa hin hir'isu, akka lilmee yoo bahra seensifamtee eegasii baafamtee jennaan baharri sanaan homaa hin hir'anneetti, kun durummaan Isaa -Inni qulqullaa'e- guutuu waan ta'eefi. Rabbiin qulqullaa'e hojiiwwan gabrootaa tiksee isaan irratti lakkaa'a, eegasii guyyaa qiyaamaa isiidhumaan isaan mindeessa, kanaafuu namni mindaa hojii isaa khayrii haala ta'een arge Isaan buluutti waan isa qajeelcheef Rabbiin haa galatoomfatu, namni mindaa hojii isaa waan sanaan alaa t'uu arge lubbuu isaa kan hamtuutti ajajdu isii kasaaratti isa geessite sana malee homaa hin komatin.