Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-yeroo Mu'aaz ilma Jabaliin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- gara biyya yamanitti gara Rabbiitti waamaa fi barsiisaa haala ta'een isa erganitti, uummata Nasaaraa irraa ta'an akka qunnamu isaaf ibsan; akka isaaniif qophii ta'uuf jecha, eegasii isaan waamuu keessatti irra yaachisaadhaan, eegasii irra yaachisaadhaan akka eegaluuf jecha. Jalqaba gara Aqiidaa sirreeffachuutti isaan waama; dhugaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaaha akka ta'e ragaa ba'uudhaan. Isiidhaan gara islaamummatti seenan waan ta'eef, yoo isaan sanaaf ajajaman salaata dhaabuutti isaan ajaja; waan isiin booda tawhiidaatii irra guddaa dirqamootaa taateef jecha. Yoo isii kan gadi dhaaban ta'e, dureessotni isaanii zakaa qabeenya isaanii hiyyeessota isaaniitiif akka kennan isaan ajaja, eegasii qabeenya isaanii caalaa fudhachuu irraa isa akeekkachiisan; dirqamni giddu galeessa waan ta'eefi. Eegasii miidhuu irraa akka fagaatu isaaf dhaaman; miidhamaan isa irratti akka hin kadhanneef jecha, kadhaan isaa qeebalamaa waan ta'eefi.