Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-gosti hojiiwwani jaha akka ta'ee fi gosti namootaa afur akka ta'e himani. gosti hojiiwwan jahan: Tokkoffaan: namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e jannanni isaaf raggaate. Lammaffaan: namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e haala isii keessa yeroo maraa jiraatuun ibiddi isa irratti raggaate. Jarri lamaan kun dirqamsiiftuu lamaani. Sadaffaan: toltuu yaadamteedha, namni toltuu hojjachuu yaadee yaada isaa kana kessatti hanga qalbiin isaa beektee Rabbiin yaada isaa kana isa irraa beekutti dhugaa dubbataa ta'ee, eegasii wanti wohii isa mudatee jennaan toltuu kana osoo hin hojjatin hafee toltuu guutuutu isaaf barreeffama. Afraffaan: badii hojjatamte, namni badii tokko hojjate badii tokkotti isaaf barreeffamti. Isaan lameen: dachaa ta'uun maletti fakkaataan fakkaataadhumaan ta'a. Shanaffaan: toltuun fakkaattii isii kudhaniin taatuudha, inni namni toltuu niyyatee isii hojjate; toltuuwwan kudhantu isaaf barreeffama. Ja'affaan: toltuu toltuuwwan dhibba torba taatuudha, isiin namni kennaa tokko karaa Rabbii keessatti kennate toltutttiin kun toltuuwwan dhibba torbaan isaaf barreeffamti, kun tolaa fi arjummaa Isaa -Inni ol ta'ee kheyriin Isaa heddummaate- kan inni gabroottan Isaa irratti oole irraayi. Gosti namootaa afran immoo isaan: kan jalqabaa: nama duuniyaa irratti rizqiin isatti bal'ifame, inni isii keessatti qananiifamaadha isii keessatti waan fedhe ni aragata, garuu Aakhiraatti immoo itti dhiphifama, deebiin isaas gara ibiddaati, inni kaafira dureessaadha. Lammaffaan: nama duuniyaa keessatti rizqiin isatti dhiphifame, garuu Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamaadha, deebiin isaas gara jannataati ta'a, inni mu'umina hiyyeessadha. Sadaffaan: nama duuniyaa fi aakhiratti itti dhiphifame, inni kaafira hiyyeessadha. Afraffaan: nama duuniyaa fi aakhiraatti itti bal'ifame, inni mu'umina dureessaadha.