explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abdullaah ibnu jud'aan kan islaamummaan duratti dureewwan qurayshii irraa ture irraa dubbatan, Hojiiwwan isaa gaggaarii keessaa: firoottan isaa fufuun tolas isaanitti oola, rakkataas ni nyaachisa, wontoota gaggaarii islaamummaan isii hojjachuutti kakaase biroos ni hojjata ture, garuu hojiiwwan isaa kun Aakhiraatti isa hin fayyaddu; sunis sababaa inni Rabbitti kafaree fi guyyaa tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jedhiniif jecha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Sadarkaa iimaanni qabuu fi inni hojiiwwan qeebalamuuf ulaagaa akka ta'e ibsuutu keessa jira.
  • Ajummaa kufrii fi inni wantoota hojiiwwan gaggaarii balleessan keessaa tokko akka ta'e ibsuutu keessa jira.
  • Aakhiraatti kaafiroota hojiiwwan isaanii isaan hin fayyaddu sababaa isaan Rabbii fi guyyaa Aakhiraatti hin amaniniif jecha.
  • Hojiiwwan namoonni yeroo kufrii irra jiran hojjatan yeroo islaamummaa fudhatanitti isaaniif barreeffamtee isii irrattis mindaa argatu.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more