Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbeeraa isaanii Abuu Xaalib haala inni du’aa jiruun irratti ol seenanii, akkas jedhaniini: Yaa abbeeraa koo, akkana jedhi: "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru", jecha ani Rabbiin biratti ittiin ragaa siif bahu, Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyaas akkana jedhan: Yaa Abuu Xaalib karaa abbaa kee Abdul Muxxalib dhiiftaa?! Innis(karaan Abdul muxxalib) taabota gabbaruudha, jarri lameen isa dubbisuu irraa hin deemne hanga inni jecha dhumaa kan isaan jarattii dubbise keessatti akkana jedhutti: (ani) karaa Abdul Muxxalib irra jira, karaa shirkii fi taabota gabbaruudhaa, Nabiyyiiniis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jedhan: waan Rabbiin kiyya araarama siif kadhachuu irraa na hin dhoorginiin araarama siif kadhadha, eegasii jechi Rabbii ol ta’ee kun ni bu’e: {Nabiyyii fi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, osoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun isaanii ifa isaaniif ta’ee booda} [Tawbah: 113] Waa'ee Abuu Xaalib keessatti jechi Rabbii Ol ta'ee kun bu'e: {Ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha, Inni warra qajeelan hunda caalaa beekaadha} [ِAl-qasas: 56]. Ati nama qajeelloo isaa jaallatte hin qajeelchitu, dirqamni kee ergaa geessuudha, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha.