Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti -isiin ganda makkatti dhihoo taate wahiiti- booda rooba halkan sana roobee ka'eetii salaata subhii salaatani, Salaamataa baafatanii salaata isaanii erga xumuraniin booda fuula isaanitiin ummatatti garagalanii, akkas jechuuun isaan gaafatan: waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu? Isaanis Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka jedhanii deebisaniif, Ni jedhan: Rabbiin ol ta'e namoonni yeroo roobni roobutti bakka lamatti akka qoodaman ifa galche: qooda Rabbii ol ta'etti amanee fi qooda Rabbii ol ta'etti kafareedha; Namni tola Rabbiitii fi rahmata isaatiin roobfamne jedhee, roobinsa roobaa Rabbii ol ta'etti hirkise; inni sun Rabbii uumaa uumama keessatti akk fedhe godhutti amanee urjiiwwanitti kafareera. Namni urjii akkasiitii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo; inni sun Rabbitti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha, inni kufrii xiqoo ta'a buusinsa roobaa urjiiwwanitti waan hirkiseef jecha; Rabbiin shari'aa fi qadaratti sababaa isa godhuu dhabuu wajjiin, Namni roobiinsa roobaa fi taatewwan dachi kan biroo ba'iinsaa fi kufiinsa isii keessatti gara sochiiwwan urjiiwwanitti hirkise haala isiituu dhugaatti hojjataa jira jedhee amanuun, inni kufrii guddaa kafareera.