Sah'li ilma Sa'di irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba'' Sahih/Authentic. - Al-Bukhari
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota lama kan muslimni yoo isii qabate dhugumatti jannata seenu himan. Tokkoffaan: waan Rabbii ol ta'e dallansiisu dubbachuu irraa Arraba eeguudha, Lammaffaan: waan badaatti kufuu irraa qaama saalaa eeguudha; Sababa qaamolee kana lameenitiin badiiwwan argamuun waan heddummaatuufi.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Qaama saalaa fi Arraba tiksuun jannata seenuuf karaadha.
  • Arrabaa fi Qaama saalaa kan addatti dubbateef; duniyaa fi Aakhiraa keessatti balaaf nama saaxiluu keessatti madda irra guddaa waan isaan ta'aniifi.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more