Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma isaa wahii keessatti isaan dubbisee, eegasii akkas jedheen: “Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete”, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuun fedhii uumama tokkoo fedhii Rabbii waliin qubee “waw” jedhu fayyadamuun walitti qabanii dubbachuun shirkii xixiqqaa namni muslimaa isa dubbachuun hin hayyamamne akka ta’e itti himan. Eegasii gara jecha dhugaatti isa qajeelchan: "Waan Rabbi qofti fedhe", haaluma kamiinuu ta'ee fedha nama biraa osoo fedha Isaatin walitti hin qabne fedha Isaa keessatti Rabbiin adda baasuudha qaba.