Nabiyyiin -Rabbiin rahmataafi nageenya isaan irratti haa buusu-irra guddaan sababoota jannata nama seensisanuu sababaa lama jechuudha ibsan, isaanis: Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha. Sodaan Rabbii: gidduu keetii fi gidduu adabbii Rabbiitti gaachana gochuudha, sun immoo ajaja Isaatti hojjachuu fi dhoorgaa Isaa irraa dhoorgamuuni. Haala toluun: fuula ifuu, gaarii arjoomuu fi nama azaa gochuu irraa gabaabbachuun ta'a. Irra guddaan sababoota ibidda seensisanii lamaadha, isaanis: Arrabaa fi qaama saalaati. Badii arrabaa irraa: kijiba, komii, namoota wolitti kakaasuuf haasaa olii gadi hafarsuu fi kanneen biros keessatti ni aragamu. Badii qaama saalaa irraa: sagaagalummaa, liwaaxaa fi kan biroos keessatti ni aragamu.