explain-icon

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaaffiiwwan shayxaanni ittiin mu'umina waswaasuuf dawaa bu'aa qabeessa himani, Shayxaanni ni jedha: kana eenyutu uume? kanas eenyutu uume? samii eenyutu uume? dachii eenyutu uume? Mu'uminni amantii, uumamaa fi sammuun akkana jechuun isaaf deebisa: Allaahaadha, Garuu shayxaanni waswasaa irraa hanga kanatti hin dhaabbatu, hanga eenyutu Rabbii kee uume jedhutti tarkaanfata?. Mu'uminni yeroo sanitti waswasaa kana wantoota sadiin deebisa: Rabbitti amanuudhaan. Shayxaana irraa Rabbitti maganfachuun. Waswasaa faana deemuu irraa dhaabbachuun.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Waswasaa shayxaanaa fi waan inni qalbii irra fidu irraa garagaluuu fi waan isaa yaaduu dhiisuudha, akkasumas waswasaa sana deemsisuuf gara Rabbii ol ta'etti deebi'uudha.
  • Waswasaa shari'aa faallessitu irraa hundi waan qalbii namaa keessatti argamuu inni shayxaana irraati.
  • Zaata Rabbiitiin wal qabatee xiinxaluu irraa dhoorguu fi uumamtoota Isaatii fi mallattoowwan Isaa xiinxaluutti kakaasuutu keessa jira.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more