Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu ni jedhe- Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: "Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen Yarhamukallaah jechuudha". Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii haqoota muslimni tokko obboleessa isaa muslimaa irraa qabu ifa galchan. Jalqabni haqoota kanaadhaa nama salaamataa siin jedheef salaamataa deebisuudha. Haqni lammaffaa: dhukkubsataa gaafachuu fi isa ziyaaruudha. Haqni sadaffaa: Mana isaatii hanga bakka irratti salaatamuu fi hanga iddoo qabriitti janaazaa hordofuudha. Haqni afraffaa: Yeroo gara affeerraa cidhaa fi kan birootti isa waametti waamicha owwaachuudha. Haqni shanaffaa: Nama haxxiffate gammachiisuudha, innis yeroo namichi haxxiffatee Alhamdulillaah jedhetti: Yarhamukallaah isaan jechuudha, eegasii namni haxxiffate sun: Yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Muslimootii gidduutti haqoota mirkaneessuu, obbolummaa fi jaalala gidduu isaaniitti gad jabeessuu keessatti guddina islaamummaan qabuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more