Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti tashahhuda xumuraa boodaa fi salaamtaa duratti waa afur irraa kan Rabbitti majanfatan ta'an, akkasumas wantoota afran san irraa Rabbitti majanfatutti nu ajajan, Tokkoffaan: Azaaba qabrii irraayi. Lammaffaan: Azaaba ibiddaa irraayi, sun immoo guyyaa qiyaamatti. Sadaffaan: Rakkina jireenyaa kan akka fedhiiwwan addunyaa tan haraamatii fi shakkiilee ishee kan nama jallisan irraa majanfachuudha, akkasumas Rakkina du'aa kan yeroo duuti namatti dhufe irraa majanfachuudha, sun akka Islaamummaa yookaan sunnaa irraa jallachuuti, yookaan rakkina qabrii kan akka gaaffii Nakiiri fi Munkariiti. Afraffaan: Qormaata masiih addajjaal kan dhuma addunyaa keessatti bahee Rabbiin isaan gabroota Isaa mokkoruudha, addatti wanni isa dubbataniif waan qormaanni isaatii fi jallisiinsi isaa guddaa ta'eef jecha.