Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namni muslimaa tokko jama'aa keessatti yoo salaate, salaanni isaa sun salaata inni mana isaa yookaan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin akka caalu himan. Eegasii sababaa sanaa ibsan: innis namni tokko guutee tolchee yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee wanni biraa kan manaa isaa irraa isa baafne haala ta'een gara masjiidaa bahee, inni tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalamee, diliin isaa isa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seenee salaata kan eeggatu haala ta'een taa'ee, inni waan salaata kan eeggatu ta'een mindaa salaataati argata, malaa'ikonnis hanga inni eddoo saalaataa sana keessa jiru akkana jechuun Rabbi isaaf kadhatan: “Yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi rahmata isaaf godhi, yaa Rabbi towabaa isa irratti deebi'i, inni wuduu'a isaa waan hin balleessiniin, yookaan namoota yookaan malaa'ikoota waan miidhu waan hin hojjatiniin.