Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota irraa namni tokkolleen hanga wantoota kenneen irraa gaafatamutti guyyaa qiyaamatti eddoo herregaa bira gara jannataa ykn ibiddaa akka hin dabarre himan: Tokkoffaan: Jiruu isaa maal keessatti akka isii fixeedha? Lammaffaan: Beekumsa isaa Rabbiif jecha bartee? itti hoo dalagee? nama maluuf hoo isa dabarseedha? Sadaffaan: Qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fide halaala moo haraama irraayii? maal keessatti baasii akka isa godhe waan Rabbiin jaallachiisu moo ykn waan Isa dallansiisu keessattii? Afraffaan: Qaama isaa, humna isaa, fayyaa isaati fi dargaggummaa isaa maal keessatti dabarseedha?