Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni nuti garii hojii isaanii waan isheen seera shari'aatiin wal galteef jecha beeknu, garii ishee immoo seera shari'aa waan faalleessituuf jecha kan morminu akka nu irratti muudaman nutti himan. Namni qalbii isaa keessatti badii jibbee arrabaan itti dubachuu dadhabe; Cubbuu fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’e. Namni harka isaatiin ykn arraba isaatiin mormuu danda’ee isaan irratti gocha sana morme badii fi ishee keessatti hirmaachuu irraa nagaa bahe. Garuu namni hojii isaaniitti jaallatee isaan duukaa bu’e akkuma isaan badanitti ni bada. Eegasii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii gaafatan: Bulchiitoota amala kana qabanniin loluu hin qabnuu? isaanis sana irraa isaan dhoorganii, akkana jedhan: Lakkii, hanga isaan isin gidduutti salaata dhaabanitti isaanin hin lolinaa.