Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni lama haala lameen isaaniituu saahiba isaa balleessuuf yaadaaa ta'een yoo seyfii isaan lameenitiin wal qunnaman; inni ajjeese sababaa ajjeechaa saahiba isaa kallattiin raawwateef ibidda keessatti ta'aadha himan, Kan ajjeefame immoo akkamitti ibidda keessatti ta'a jechuun sahaabota dhibe? innis waan saahiba isaa ajjeesuu yaadaa tureef jecha ibidda keessatti akka ta'u Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himan, ajjeesuu irraa homaa isa hin dhoorgine inni ajjeese daddafee isa dursuu isaa malee.