Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota isii hojjachuun shirkii irraa lakkaa'amu ibssniiru; isii keessa: Tokkoffaan: Ruqaadha: inni haasawa worroonni jaahiliyyaa ittiin dawaa godhatan kan shirkii of keessatti qabatuudha. Lammaffaan: Masubaa fi kan sana fakkaatu irraa waan rarraafatamu,: ija akka deebistuuf jecha isii ijjoollee, horii fi kan biroo irratti fannifamtuudha. Sadaffaan: Tiwalaadha (jaallachiistuu): isii haadha manaa fi abba manaa wol jaallachiisuuf jecha hojjatamtuudha. Wontootni tun shirkii irraayi; isiin waan tokko sababa gochuu irraa waan taateef jecha, inni sababa shari'aa kan ragaan ragga'ee miti, akkasumas sababa mul'ataa yaaliin ragga'es miti. Sababoowwan shari'aa kan akka qur'aana qara'uufaa, yookaan sababoowwan mul'atoo ta'an kan akka dawaawwan yaaliin ragga'aniifaa, isiin sababoota irraayi jedhanii amanuu waliin eeyyamamtuudha, dhugumatti fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii jira.