Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee qiyaamaa guddoo keessaa aduun karaa bahaa dhiiftee karaa dhihaatiin bahuu akka ta'ee fi namoonni yeroo isii arganitti hundi isaanii akka amanu himani, Yeroo sanatti kaafira iimaanni isaa isa hin fayyadu, akkasumas hojiin gaarii fi tawbaanilleen isa hin fayyadu. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qiyaamaan akka tasa dhuftuu fi namoonni haalotaa fi dhimmoota isaanii irra jiranuu akka dhaabbattu himani; Kan gurguruu fi kan bitu huccuu isaanii gidduu isaaniitti diriirsanii oso walitti hin gurgurinii fi osoo hin dachaafatin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala aannan gaala isaa tan elmamtu qabatee osoo inni isa hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi naanniga isaa dhoqqeen tolfatee osoo isa irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala gurshaa isaa nyaachuuf jecha gara afaan isaatti ol fudhateen osoo inni isii hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti.