Namichi warra baadiyyaa irraa ta'e wahii hojii jannata isa seensisu irratti akka isa qajeelchaniif jecha Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni dhufe, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- jannata seenuu fi ibidda irraa baraaramuun utubaawwan Islaamaa raawwachuu irratti kan dhaabbatu ta'uudha isaaf himani, isaanis osoo Isatti homaa hin daballe Rabbiin qofa gabbaruudha. Salaata shanan Rabbiin guyyaa fi halkan hunda keessatti gabroota Isaa irratti isii dirqama taasise salaatuudha. Zakaa qabeenyaa kan Rabbiin isii sirratti dirqama taasise warra isii haqa godhatuuf kennuudha. Sooma ji'a Ramadaanaa yeroo isaa eeggattee soomuudha. Namichi sana booda ni jedhe: Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee hojii dirqamaa kanan isa sirraa dhagahe irratti kheyrii adda addaa irraa homaa hin dabalu, irraas hin hirdhisu. Yeroo namichi deemuuf achi garagaletti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha baadiyyaa kana haa ilaaluu.