Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya waan isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa birattti irra jaallatamaa ta'etu lubbuu isaa keessatti itti dhaga'ama -waan afaaniin dubbachuun isatti ulfaatu wohiitti akeekee-, ergamaanis ni jedhan: "Rabbi guddate, Rabbi guddate, faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti". Sahih/Authentic. - Abu Dawood
explain-icon

Ibsaa

Namtichi tokko gara nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya dubbii lubbuu keessa deddeemutu wohiitu lubbuu isaatti dhag'ama garuu isa irraa dubbachuun ulfaataadha, sadarkaa isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa biratti irra jaallatamaa ta'utti, Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lama takbiiraa jechuun Rabbiin shira shayxaanaa waswasaa qofatti deebisuu isaatiiif Isa galatoomfatan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Shayxaanni iimaana irraa gara kufriitti mu'uminoota deebisuudhaaf waswasaadhaan akka isaan eeggatu ibsuutu keessa jira.
  • Shayxaanni warra iimaanaa waliin dadhabaa akka ta'ee fi Waswasaa irratti malee homaa akka hin dandeenye ibsuudha.
  • Mu'uminni waswasaa shayxaanaa irraa garagaluu fi isii deebisuutu isa irra jira.
  • Yeroo waan gaarii yookaan dinqisiisu yookaan wantoota sana fakkaatan arganitti takbiiraa jechuun karaa godhamuu isaatu keessa jira.
  • Muslimni waan isa dhibe hunda beekaa gaafachuu akka qabu karaa godhamuu isaatu keessa jira.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more