Tuutni wohii sahaabota nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa dhufaniii waantoota gurguddoo fokkina isii fi isii jibbuu isaanii irraa kan ka'e isii dubbachuun isaan irratti kan ulfaatu lubbuu isaanii keessatti kan isa argan irraa gaafatani, Nabiyyiinis rahmannii fi nageenyi isaan irratti haa jiraatu ni jedhani: wanti isin isa argitan kun iimaana ifa galaa fi yaqiina isa waan shayxaanni qalbii keessa buusu dhoorguutti, isa dubbachuu mormuttii fi wanni sun lubbuu keessanitti ulfaatuutti isin dhiibuudha, shayxaanni lubbuu keessan irratti moo'uu hin deenye, faallaa nama shayxaanni lubbuu isaatti karaa argatee waan isa ofirraa deebisuun hin argatiniiti.