Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Ibnu Mas'uudin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkuma suuraa Qur'aana irraa taate isa barsiisanitti Tashahhuda salaata keessatti jedhamu xiyyeeffannoo ibnu Mas'uud garas deebisuuf jecha haala dhugumatti harka isaa harka isaa lameen keessatti godheen barsiisan, kun jechaa fi hiikkan tashahhuda kanatti yaaddawuu Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama agarsiisa. Akkas jedhan: "Kabajowwan Rabbiifi": Isiin hunduma jecha ykn gocha kabajaa irratti nama qajeelchu yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. " Salawaanni": Isiin salaata beekamtuu yoo taatu, waajbni isiiti fi sunnaa isiitis Rabbii ol ta'eefi. “Wantoonni gaggaariin”: Isiin jechoota, gochoota fi haalowwan gaggaarii ta'an kan guutummina irratti nama qajeelchan yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. "Yaa Nabiyyii! Nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu" jdchuun: Hunduma Rakkinaati fi waan jibbamaa ta'e irra nagaa ta'uu fi kheyrii hunda irraa dabalachuu isaanif kadhachuudha. "Nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu" jechuun: Namni salaatu tokko ofii isaati fi samii fi dachii keessatti hunda gabricha gaarii ta'eef nagaa kadhachuudha. "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha": Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre cimsee ragaa baha. “Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha”: Rabbiif gabra ta'uu isaanitii fi ergama xumuraatin akka ergaman nana raggaasisa. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhannaa irraa waan barbaade filachuu irratti nama salaatu kakaasan.