Nabiyyiiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga dandeettiitiin badii jijjiiruutti ajajan- inni hunda waan Rabbii fi Ergamaan Isaa irraa dhoorganiidha- Yeroo badii arge dandeettii kan qabu yoo ta'e harkaan jijjiiruun isa irratti dirqama ta'a, Sana yoo dadhabe immoo arraba isaatiin haa jijjiiru nama badii hojjatu badii sana irraa isa dhoorgee miidhaa isaa ifa isaaf gochee eegasii bakka badii kanaa gara toltuutti isa qajeelchuun, Sadarkaa isa kana yoo dadhabe immoo qalbii isaatiin haa jibbu, badiicha jibbuunii fi jijjiiruu kan danda'u osoo ta'ee nan jijjiira jedhee murteeffachuun, Badii jijjiiruu keessatti qalbiin jibbuun irra dadhabaa sadarkaa iimaanaati.