Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni obboleessa isaa muslimaatiin halkan sadi'ii ol ooduu dhoorgani, isaan lameenuu yeroo wol arganutti wol irratti salaamataa hin jedhanu, akkasumas wolis hin haasofsiisanu. Caalaan worra wol lolan lameen kanaa nama ooda dhabamsiisuuf yaali godhuu fi salaamataan eegaluudha, oodni asitti itti fedhame fedhii lubbuutiif jecha woliin ooduudha, haqa Rabbiitiif jecha ooduun immoo akka worra badii hojjatanuu fi worra baasaatiin ooduufaa, akkasumas waahila badaadhaan ooduu faa, kun yeroon hin daangeffamu, inni bu'aa oodaatti rarraafama, inni dhabamuun dhabama.