Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkana jedhe: yaa ergamaa Rabbii! ani dhugumatti badii fi dilii hunda irraa hojjadheen jira, xiqqaa fi guddaa isaas osoon hin hojjatin hin dhiifne, anaaf ni dhiifamaa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniin: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiruu fi Muhammad immoo dhugumatti ergamaa Allaahaati jettee ragaa kan baatu hin taanee? Yeroo sadi isii irra deddeebi'an. Innis eeyyee ragaa nan ba'a jechuun isaanif deebise, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa shahaadaan lameen qabduu fi badiiwwan haquu isii isatti himan, tawbaan waan isii dura dabre ni haqxi.