explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haalli munaafiqaa akka re'ee tuuta re'ootaa lamaa gidduu deddeemtu gara tuuta kamii akka gortu kan hin beeknee ta'uu ibsani. Yeroo tokko gara tuuta isa kanaatti yeroo tokko immoo gara tuuta isa biraatti deemti, Isaan iimaanaa fi kufrii gidduutti dhama'oodha, keessaa fi alaan mu'uminootaa waliinii miti, akkasumas keessaa fi alaan kaafirootaa waliinii miti, inumaa isaan alaan mu'uminoota waliini, keessi isaanii immoo shakkii fi mamii keessa jira, yeroo garii gara worra kanaatti gorani, yeroo garii immoo gara worra sanaatti gorani.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Deemsa Nabiyyii irraa -Rabbiiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yaada barbaadame dhiheessuuf jecha fakkeenyaa fudhachuudha.
  • Haala munaafiqootaa irraa shakkii, mamii fi ragga'iinsa dhabuu ibsuutu keessa jira.
  • Haala munaafiqootaa irraa sodaachisuu fi dhugaa fi iimaana keessatti alaa fi keessaan murannoo qabaachuutti kakaasuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more