Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan obboleessa isaa saalfii akka dhiisuuf gorsu dhaga'an! eegasii saalfiin iimaana irraa akka ta'e isaaf ifa galchan, inni toltuun malee hin dhufu. Saalfiin waan bareedaa hojjachuu irratti nama kakaaasa, akkasumas waan fokkataa dhiisuu irratti nama kakaasa.