Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii ol ta'e biratti irra jaallatamaan haasaadhaa afur akka ta'e ibsani: Subhaanallaah: hirdhina hnda irraa Rabbii ol ta'e qulqulleessuu jechuudha. Wal hamdu lillaah: Isa jaallachuu fi Isa guddisuu waliin guutummaa hirdhina hin qabneen Rabbiin ibsuudha. Wa laa ilaaha illallaah jechuun: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuuudha. Wallaahu akbara: Allaaha waan hunda irra ol fuudhamaa, guddaa fi injifataadha jechuudha. Sadarkaan isiitii fi mindaan isii argamuuf yeroo isii jennutti tartiibatti isii jechuutti hin haajamu.