Abdullaah bin Zeyd -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkaataa wuduu'a Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- bifa hojiitiin ibse, Meeshaa xiqqaa wahii kan bishaan irraa ta'e ni gaafate, Jalqaba irratti harka lameen dhiqachuudhaan eegale, achiis meeshicha sana dabsee bishaan irraa fudhachuun harka lameen yeroo sadii meeshaa sanaan alatti dhiqate. Eegasii harka isaa meeshicha keessa galchee, hammaarrii sadii hammaarrachuun, hammaarii hunda keessatti bishaan afaani fi funyaanitti ol fudhatee gadi deebisa. Eegasii meeshicha irraa hammaarratee fuula isaa yeroo sadii dhiqate, Eegasii bishaan fudhatee harka isaa lameen ciqilee waliin yeroo lama dhiqate, Eegasii harka isaa lameen meeshicha keessa galchee, harka isaa lameenin mataa isaa gara fuul duraa irraa eegalee hanga duuba isaa gayutti oofee eegasii eddoo irraa eegaletti deebisuun haxaa'e, Eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.