Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- yeroo baay’ee mazyiin akka isa irraa bahu hime -innis bishaan qal'aa mucucaataa kan yeroo fedhii saalaa ykn walqunnamtii saalaa dura qaama saalaa irraa bahuudha. Maal gochuu akka qabu hin beekne, Rasuulas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfate, Sababni isaas Abbaa manaa Faaximaa intala Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ta'eef jecha, Kanaafuu Miqdaad bin Aswad irraa waa’ee sanaa akka Rasuula -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf gaafatu barbaade, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun deebisaniif: Qaama saalaa dhiqateeti eegasii wuduu'a godhata.