explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni fajrii salaate eegumsa Rabbii, kunuunsa isaatiifi tika isaa keessa akka jiraatuu fi akka isa irraa deebisuu fi isaaf tumsu himani. Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Barbaachisummaa salaata fajriitii fi sadarkaa isii ibsuutu keessa jira.
  • Nama fajrii salaate nama hamtuun tuqu irratti sodaachisni jabaan dhufuu isaati.
  • Rabbiin nama gabroottan isaa gaggaarii tuqu irraa haaloo akka ba'uudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more