Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti akkana jechuudhan ibsan: namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo isa keessatti qunnamtii saalaa hin raawwatin, rafasa jechuun qunnamtii saalaatii fi adda duree isaa kan akka dhungoo fi walitti dhiheenya qaamaati, akkasuma jechi badaanis rafasa ni jedhama. Akkasuma namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo ajaja Rabbii hin faallessine, diliiwwanii fi badiiwwan hojjachuun, ajaja Rabbii faallessuu irraa dhoorgaawwan ihraamaa hojjachuudha, hajjii isaa irraa diliin isaa hundi haala isaaf dhiifameen deebi'a, akka daa'imni badiiwwan irraa qulqulluu ta'ee dhalatutti.