explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni nama rakkataa waa liqeeffatee yeroo kennee fii isa eeggate yookaan liqaa isaa sana irraa isaaf waa buuse, mindaan isaa: guyyaa qiyaamaa gaafa aduun mataa gabrootaatti dhihaattee gubaan isaanitti jabaattutti dhugumatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jalatti isaaf gaaddiddeessa, Nama Rabbiin isaaf gaaddiddeesse malee namni tokkooyyuu gaaddisa argachuu hin danda'u.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Sadarkaa gabroottan Rabbii ol ta'eetti laaffisuun qabuudha, dhugumatti inni sababoowwan rakkoo guyyaa qiyaamaa jalaa najaa nama baasan irraayi.
  • Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more