Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, Muslimni kamiyyuu yeroon salaata dirqamaa isatti dhaqqabee jennaan ka'ee wuduu’a bareechee guutee godhatee, eegasii bakka qalbii fi qaamni isaa guddina Isaa of dura qabaa haala ta'een Rabbitti garagalaa ta'etti salaata isaa khushuu'a eeggatee, hojiilee ishee kan rukuu'aa, sujuudaa fi kan biroo guutee sirnaan salaatee, waan inni badiiwwan gurguddoo hin hojjatiniin salaanni tun badiiwwan xixiqqoo irraa waan ishee duratti dabre isaaf haqxuu taatu malee akka hin hafne ibsaniiru, sadarkaan kun yeroo fi salaata hundumaa keessatti ni jiraata.