Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbaan ijoollee isaa -dhiirotaa fi dubartoota- yeroo umuriin isaanii waggaa torba ta’e akka salaatan isaan ajajuu fi waan salaatuuf isaan barbaachisu barsiisuu akka qabu ibsaniiru. Umriin isaanii waggaa kudhan yoo ga’u ajajni ni dabala, salaataf dantaa dhabiinsi yoo isaan irraa muldhate isaan rukuta, bakka hirriibaa irrattis addaan isaan baasa.