Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee dhaabbachuun qiyaamaan dhihaatuu keessaa beekumsi shari'aa kaafamuuu akka ta'e ibsani, sun immoo ulammoonni du'uudhaan ta'a. Bu'aan sanaa immoo wallaalummaan hedduumaatee faca'uu, sagaagalummaa fi wantoonni fokkatoon faca'uudha, akkasumas dhugaatii sammuu namaa adoochu dhuguun heddummaachuu, lakkoofsi dhiirotaa xiqqaatee lakooofsi dubartootaa heddummaachuudha; hanaga dubartii shantamaaf dhiirri tokko kan dhimmoota isaaniitiin dhaabbatuu fi kan faaydaawwan isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu ta'utti.