Abuu Muslim Al-Khawlanii irraa odeeffamee akkana jedhe: Jaallatamaa fi amanamaatu naaf odeesse, inni anaaf jaallatamaadha, ana birattis amanamaadha, inni Aowf bin Maalik Al-Ashja'iidha, Rabbiin isa irraa haa jaallatuu akkas jedhe: Sagal ykn saddeet ykn torba taanee Ergamaa Rabbii bira turre, -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Isaanis akkas jedhan:- "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nuti waadaa eega isaanif seenne hin turre, kanaaf akkas jenneen: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, isaanis eegasii akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nutis akkas jenne: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, ammas akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" ni jedhe: harka keenya diriisinee akkana jenne: yaa Ergamaa Rabbii waadaa siif galleerra, mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti" dhugumatti garii namoota sanaa alangeen tokkoo isaanii irraa kufee nama tokkollee akka isa isaaf laatu kan hin gaafanne ta'uudhan arge. Sahih/Authentic. - Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota baay’ee wajjin turanii, yeroo sadii akka isaanif waadaa galanii dhimmoota murtaa’an irratti akka ahdii isaan godhan isaan irraa barbaadan: Tokkoffaan: Ajajoota Isaa raawwatanii dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun osoo homaa Isaatti hin dabalin Rabbii tokkicha gabbaruudha. Lammaffaan: Salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti dirqama ta'an dhaabuudha. Sadaffaan: Hooggantoota waan beekamaa ta'een dhagayuu fi tole isaan jechuudha. Afraffaan: Dhimma ofii hunda Rabbiin gahatanii sana irraa homaa namoota gaafachuu dhabuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana yeroo dubbatan sagalee isaanii gadi qabataniiti dubbatan. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- wanta waadaa galan sana raawwataniiru, hanga namichi hadiisicha odeesse jedhutti: Garii sahaabota sanaa kan tokkoo isaanii irraa alangeen kufee akka isa isaaf kennu nama tokkollee osoo hin gaafatin ofii isaati yaabbii isaa irraa bu'ee isa kan fudhatu dhugumatti ergeera.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Namoota gaafachuu dhiisuu, waa nama gaafachuu jedhamu hunda irraa qulqullaa'uu fi osoo dhimma salphaa osoo ta'ellee namoota irraa duroomuu irratti nama kakaasuudha.
  • Gaaffiin irraa dhorgame: gaaffii dhimmoota addunyaa wajjiin waan wal qabatuudha, kanaafuu ilmii fi dhimmoota amantaa irraa gaafachuu hin ilaallatu.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more