Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra daangaa Rabbii kabachiisan, ajaja Isaa irratti gadi dhaabbatanii fi waan gaaritti ajajanii waan hin taane irraa dhoowwaniif fakkeenya kaa'aniiru, Akkasumas warra daangaa Rabbii cabsan, kan waan gaarii hojachuu dhiisanii, waan hamaa hojjatanii fi hawaasni nagaa ta'uu keessatti dhiibbaa inni qabuuf fakkeenya kaa'an, sun akka fakkeenya ummata doonii yaabbatanii, isaan keessaa gubbaa doonii eenyuutu taa'aa fi jala ishee eenyuutu taa'aa irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa argatee gariin immoo jala argateeti, isaan jalaa bishaan waraabbachuu yeroo barbaadan isaan isaanin gubbaa jiran bira darbu, Warri jalaa ni jedhan:- warra nu gubbaa akka hin rakkifneef osoo Bakkuma keenya kanatti qaawa bishaan irraa waraabbannu baafannee, osoo warri gubbaa sana akka hojjatan isaan dhiisanii silaa doonin isaanuma hundaan bishaan keessa lixxe, yoo sana hojjachuu irraa isaan dhoorgan immoo isaan hundinuu nagaa bahan.