Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbiitii fi rahamata Isaa irraa himan, dhugumatti muslimni yeroo fayyaa qabuu fi biyya isaa jiraatutti aadaa isaa irraa hojii gaarii kan hojjatu ta'ee eegasii sababaan yoo isatti argamee dhukkubsatee isa hojjachuu dadhabe yookaan isa irra imala ba'uun yoo qabame, yookaan sababa kamiinuu ta'u; dhugumatti mindaa guutuutu isaaf barreeffama, akkuma waan yoo haala fayyaa qabuu fi biyya isaa jiru hojjatetti.