Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaabbannaan koo na jalaa badde, horii irratti na baadhu, yaabbannaa bakka dhimmaatiin na gahu naaaf kenni, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan kennanuuf akka hin qabne itti himani, namichi tokko kan isaan bira ture wohii, yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhe, achumaan ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaa keessatti nama sadaqaa kennateen shariika akka inni ta'e himani, abbaa dhimmaa gara nama dhimma isaaf baasutti waan qajeelcheef jecha.