Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii isaanii irraa odeessani: Gabrichi yoo badii ballleessee eegasii: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi jedhe: Rabbiin ol ta'es ni jedha: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu jiru beekee jennaan, dhugaan isaaf dhiise. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu jiru yookaan isa irratti kan adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleesse, akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira, waan yeroo badii hojjate hunda badii sana dhiisee gaabbee akka lammata isatti hin deebine murteeffateen waan barbaade haa hojjatuu, garuu lubbuun isaa isa injifattee yeroo biraas badii keessatti kufa, hanga akkas hojjataa ta'etti badii hojjatee toobatetti ani isaafan dhiisa, tawbaan waan isii duraa waan diigduuf jecha.