Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo isaan bira gahan jechoota tokko tokkoo kan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin jaallanne isa faarsanii jedhan, Ni jedhan: “Ati gooftaa keenya”, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanin akkana jedhan: "Gooftaa Rabbiin qofa" Uumama Isaa irratti gooftummaa guutuu kan qabu Isuma qofa, uumamni hundi gabroota Isaati. Isaanis akkas jedhan: Ati "gama sadarkaatii irra caalaa keenya" gama kabajaatihis ati irra ol aanaa keenya. Ati “gama arjumaatii irra guddaa keenya” akkasumas ati gama kennaatii irra hedduu keenya. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haasaa isaanii kan barame akka dubbatan, jechoota hin jirre dubbachuuf akka hin rakkinnee fi gara daangaa darbuu shirkii fi wantoota shirkitti geessan irraa waan haraama ta'e keessa nama galchutti sheyxaanni akka isaan hin harkifne isaan qajeelchan.