Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin guyyaa qiyaamaa ummata fuulduratti ummata isaa irraa namicha tokko filatee herregamuuf jecha akka isa waamu himani, galmee sagaltamii sagal isarra fida, isiin barruu hojii isaa badduu kan inni duuniyatti hojjataa ture yoo taatu, dheerinni galmee hundaa hanga agartuu ijaati. Eegasii Rabbiin ol ta'e namicha kanaan akkas jedha: wantoota galmeewwan kana irratti barraa'an keessaa wanti ati mormitu ni jiraa? Malaa'ikaan koo eegdotaa fi barreessitoota ta'an waa si miidhanii? Namtichiis lakkii yaa Rabbii kiyya jedha. Eegasii Rabbiin ol ta'e ni jedha: hojiiwwan duuniyaatti hojjatte kanaaf rakkoo himattu tan ittiin dhiifama siif godhamu qabdaa? irraanfiin ta'us yookaan dogongoraan ta'us yookaan wollaalummaan ta'us, Namtichis ni jedhe: lakkii yaa Rabbii koo sababaan naaf hin jiru. Rabbiin ol ta'e ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha miidhaan sirratti hin jiru. Ni jedhe: kardii isii keessatti: haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, akkasumas Muhammad gabricha Isaatii fi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a jechuun barreeffameetu gadi baafama. Rabbiin ol ta'e namicha kanaan miizaana kee irratti aragami jedhaan. Namichis ajaa'ibsiifataa akkas jedha: yaa Rabbii koo! ulfaatinni kaardittii tanaa galmeewwan kana biratti maali?! Rabbiin injifatee guddate ni jedhe: gonkumaa miidhaan sirra hin ga'u. Ni jedhe: galmeewwan gara tokko irra kaa'amee, kaardiin gara tokko irraa ka'amtee; garri galmeewwan irra jirtu salphatee, garri kaardiin irra jirtu caalee ulfaatee argame, Rabbiinis isaaf dhiise.