Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa Rabbiin gabroottan irraa qabuu fi haqa gabroottan Rabbiirraa qaban if galchan, haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isatti waan tokko osoo hin qindeessin Isa qofa gabbaruudha, Haqni gabroonni Rabbirraa qaban worra Isatti homaa osoo hin qindeessine Isa tokkichoomsan azzabuu dhabuudha. Eegasii Mu'aaz ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, namoonni akka gammadanuuf tola guddaa kanaan isaan gammachiisuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan namoonni isa irratti hirkatanii hojii dhiisu jedhanii sodaataniif isa dhoorgani.