Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sifowwan Rabbii ol taée fi hojii dhuunfaa Isaatiin isaan faarsuu fi haala isaanii ibsuu keessatti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan, yookaan isaan waan dhokataa ni beekan jechuudhaan, ykn Rabbiin waliin ni waammataman jechuudhaan, akkuma nasaaraan Iisaa ilma maryam -nageenyi irratti haa jiraatu- waliin dalaganitti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan. Eegasii isaan gabroota Rabbii keessaa tokko akka ta'an ibsan, akkasumas akka nuti isaan: garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jennu nu ajajan.