Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaaffii kana irraa gaafatamnaan: Amaloota Islaamaa keessaa kamtu caala? Amaloota lama kaasan: Inni jalqabaa: hiyyeeyyii nyaachisuu baay’isuudha, isa keessa tola ooltummaan, kennaan, keessummeessuu fi affeerraan cidhaa kan galu yoo ta’u, yeroo beelaa fi gatiin jireenyaa qaala'e nyaachisuun immoo daran caalaa ta'a. Inni lammataa: muslima hunda, beektus beekuu baattus salaamataa isaan jechuudha.