Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, lakkoofsi isaanii kudhan turan. Isaan keessaa nama sagal Islaamummaa fi isaan hordofuu irratti ahdii godhanii, kurnaffaa ahdii osoo hin godhin dhiisan, yeroo sababaa sanaa irraa gaafataman nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkan jedhan: Qaxxasa/asmaa qaba, isheenis waan hamaa ykn ija budaa ofirraa ittisuuf jecha callee ykn wantoota biroo irraa mormatti ykn qaamatti hidhamu ykn fannifamuudha. Namichis harka isaa bakka qaxxisa/asmaa galchee, irraa kutee, ofirraa baase. Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu yeroo sanatti ahdii isa godhanii, akkas jedhe, Qaxxisa/asmaa irraa akeekkachiisu fi murtii ishee ibsuuf akkana jedhan: “Namni qaxxisa/asmaa godhate shirkii raawwateera”.