Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Hadiisa al-qudsii kana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jechuudha himan: Namni jaalallee koo tokko miidhe, isa aarse, ykn isa jibbe, ani dhugumatti diinummaa isa beeksiseera. Waliyyii/jaalallee jechuun: nama mu'umina Rabbiin sodaatu yoo ta’u, akka bal’ina iimaanaa fi sodaa Rabbiitin qooda waliyyummaa/ jaalallee Rabbii ta'uu argata. Muslimni waan kheyrii hojjatee waan haraama ta'e dhiisuu irraa wanta Inni dirqama isarratti godhe hojjachuu caalaa wanta Isa biratti jaallatamaa ta’e tokkoon gara Rabbii isatti hin dhihaanne, Muslimni hanga jaalala Rabbii argatutti waajiboota waliin sunnaalee hojjachuun gara Rabbii isatti dhihaachuu irraa hin deemu. Rabbiin yoo isa jaallate, humnoolee afran kanaan keessatti isa qajeelcha: Dhageettii isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu qofa dhaga’a. Ija isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbi jaallatuu fi itti gammadu qofa ilaala. Harka isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu malee waan biraa harka isaatin hin dalagu. Miila isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf gara waan Rabbiin jaallachiisutti qofa deema, waan gaarii qofa barbaada. Kanuma waliin yoo Rabbiin waan tokko kadhate Rabbiin waan inni kadhate isaaf kenna, kanaaf nama du'aa'iin isaaf owwaatamu ta'a. Yoo Rabbitti maganfatee eegumsa Isaa barbaadaa haala ta'een gara Isatti hirkate immoo Rabbiin ol tahe waan sodaatu irraa isa eega. Eegasii Rabbiin ol tahe akkana jedhe: Ani isaaf rahmata godhuuf jecha hangan lubbuu mu'uminaa fuudhuu keessatti duubatti jedhu waanan hojjedhu kamirraayuu duubatti hin jenne; sababni isaas inni waan isa keessa laalan jiruuf jecha du'a sodaata, Rabbiin immoo waan mu'umina dhiphisu ni jibba.