Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame Rabbiin ishee irraa haa jaalatu akkas jette: Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine". Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, mana isaanii Aa'ishaa irratti -Rabbiin irra haa jaalatu- ol seenanii, dhugumatti mana xiqqaa meeshaan keessa kaayamu girdoo of keessaa fakkii labbu qabeeyyii qabuun haala isheen hagoogdeen ishee arganii, aaranii bifti fuula isaanii jijjiiramee isa buqqisanii, akkas jedhan: Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti namoonni irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessanii fakkii kaasani. Aa'ishaan akkana jette: "boraatii tokko ykn lama isa irraa tolchine”.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Waan sana keessatti badiin irraa guddaa ta'e hin jiraatiniin badii yeroo arganitti mormuu fi booda aansuu dhabuudha.
  • Adabbiin Guyyaa Qiyaamaa akka guddina diliitin garaagarummaa qaba.
  • Lubbu qabeeyyii suuraa kaasuun diliiwwan gurguddoo ta'an irraayi.
  • Sababoowwan suuraa kaasuun dhorgameef keessaa inni tokko uumama Rabbii ol ta'ee fakkeessuudha, namni suuraa kaasu sana yaadus ykn yaaduu baatus tokkuma.
  • Qabeenya waan isa keessatti haraama ta'u irraa fageessanii eeggatanii itti fayyadamuu irratti bolola shari'aan qabduudha.
  • Fakkii lubbu qabeeyyii bifa kamiinuu hojjechuu irraa dhorguudha, osoo xiqqeeffamtuu illee taatee.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more