Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunayn bahan, innis laga gidduu Xaa'ifii fi Makkatti argamuudha, yeroo sanatti sahaabota dhiyeenyatti Islaamummaa fudhatan tokko tokkootu isaan waliin ture. Muka “zat Anwaax” jedhamu tokko bira darban, jechuunis bakka waa itti fannifatan jechuudha, mushrikoonni barakaa barbaaduuf jecha kan isii guddisan ta'an, akkasumas meeshaa isaanii fi wantoota biroo kan irratti fannifatan ta'an, Kanaaf Rasuula nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, muka akka isaa, kan meeshaa waraanaa isaanii barakaa barbaaduf jecha irratti fannifatan akka isaaniif godhan isaan gaafatan, kun akka hayyamamu itti fakkaateti gaafatan, Nabiyyiinis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, dubbii kana balaaleffachuu fi Rabbiif ulfina Isaan malu kennuuf jecha "Subhaanallaah" jedhan, dubbiin kunis waan ummanni Muusaa isaan jedhan akka fakkaatu himaniiru: {Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi}, Ummanni Muusaa nama taabota gabbaru yeroo argan akkuma mushrikoonni taabota qaban taabonni akka isaanifiis ta'u gaafatan, kun garuu karaa isaanii hordofuudha. Sana booda Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, ummanni kun karaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa akka hordofanii waan isaan hojjetan hojjetan sana irraa akeekkachiisuf jecha himaniiru.